Publicidade

Deuteronômio 13

1 Raagichi tokko yookiin nami oojju’uun moru tokko odduu teessanii ka’ee, bilbaasa yookiin maadee yoo isinitti hime, 2 bilbaasii fi maadeen inni dubbate yoo teete, innille, «Kowa’a, waaqota dhibii hordonna; isaan waaqonfanna» jedhee waaqota dur isin hin beennetti yoo isin geesse, 3 isin raagicha san yookiin nama oojju’uun moru san hin dhage’inaa. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, akka isin gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti’iin isa jaalattanu haga isin ilaaliisatti jira. 4 Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hordofa’a; isa sodaadha’a; ajajoota isaa eegadha’a; isaaf ajajama’a; isa tajaajila’a; isatti maxxana’a.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-