Kudhan Keessaa Tokko
22 Midhaan wogguma wogga’aan fichaa keeti keessaa galfattu mara irraa, harka kudhan keessaa tokko adda baasi. 23 Yennaa mara Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaatiisa akka barattu, midhaan keeti keessaa, daadhii woyni’ii haareya teeti keessaa, zayitii ejersaa teeti haareya keessaa ka matoomaa, loon, hoole’ee fi re’ee teeti keessaa ka qara dhalatu addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filattetti isa duratti nyaadhu. 26 Achitti beesee saniin waan jaalatte mara: loon, hoolee, daadhii woyni’ii yookiin untoo macheessitu yookiin waan halchite mara bitadhu; achiin duuba atii fi maatiin teeti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti nyaadha’aatii gammada’a.
28 Dhuma woggaa sadeesso’oo mara, midhaan woggaa sanii keessaa kudhan keessaa tokko fidiitii, qachoota keeti keessatti kuufadhu. 29 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii harka keetiitiin akka si eebbisuuf, Lewwooti qooda yookiin lafa ifii hin qannee fi alagaan, ijoolleen abba’aa fi haadha hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa ta qachoota keessan keessa le’anu dhufanee nyaatanee quufanuu ti.