Pular para o conteúdo
Publicidade

Deuteronômio 17

18 Inni barcumaa mootummaa ifii irra yennaa tee’u, kitaaba Lewwoota hayyoota bira jiru ka seerri Waaqaa irratti barreeffameeru kana irraa barreeffatee, woraabbii tokko qabaatuu ti. 19 Inni jechoota seeraa fi seerata kanaa mara eegatiisaan, muummessiisalle’een, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii sodaatiisa akka ittiin baratu, isa bira tee’uu ti. Inni bara jiruu ifii mara isa dubbisuu ti. 20 Obboleeyyan ifii Israa’eloota irratti akka inni hin koorre, Israa’el keessatti mootummaan isaatii fi ijoolleen isaa bara dheeraa akka jiraatanu, ajaja Waaqaa irraa gara middaa yookiin gara bita’aa akka inni hin gorre isa eega.

Veja também