20 Raagichi tokko adoo ani dubbatiisaaf isa hin ajajin, dubbii tokko maqaa kiyyaan ka dubbatu yookiin maqaa waaqota dhibi’iitiin ka dubbatu ijjeefamuu ti» jedhe.
21 Isin gadhaa keessan keessatti, «Jecha Mootiin Waan Maraa hin dubbatin san attamiin beekuu dandeenna?» yoo jettane, 22 Raagichi tokko maqaa Mootii Waan Maraatiin dubbatee, jechi sun muummowuu yookiin dhugaa te’uu yoo dhabe, jechi sun ka Mootiin Waan Maraa dubbatee moti; raagichi sodaa malee waan dubbateef isa hin sodaatina’a.