Aadaa Battii
9 Isin lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti yennaa galtane, aadaa battii gosa biyya adda addaa san hin baratina’a. 10 Nami ilma ifii yookiin intala ifii kennansa gubamuuf dhikeessu yookiin worri moru, nami moora ilaalu, nami faroo ilaalu, 11 nami xanoo xanu, nami ayyaana hamaa waammatu, nami moru, nami worra du’ane waammatu odduu teessan hin jiraatin. 12 Nami waan akkanaa godhu Mootii Waan Maraa duratti batticha; sababa hujii battii akkasiitiif, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaan oofee si duraa hin baasa.