9 Waan ila teessaniin dhaggitane akka hin deene, bara jiruu teessanii mara gadhaa keessan keessaa akka hin bannelle ifi eegadha’a. Waan kana ijoollee teessanii fi ijoollee ijoollee teessanii barsiisa’a. 10 Yennaa inni anaan, ‹Bara lafa san irra le’anu mara ulfinna naaf kenniisa akka baratanu, ijoollee ifiille akka barsiisanu, jecha kiyya akka dhage’anuuf kolbaa na duratti wolitti qabi› jedhe, gaara Siina’aa4:10 Gaara Siina’aa: Gaarri kun dur Horeeb jedhama. irratti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dura guyyaa dhaabbatane qaabadha’a.
Publicidade