Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Seera Keessa Deebii 8:11-14,17,18

Ifi Eeggachiisa Waaqa Akka Hin Deeneef Kenname

11 Ajaja, seerataa fi seera ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti adha sii kennu eeguu dhabiisaan akka hin deene ifi eegadhu. 12 Yoo akkas hin te’in, yennaa nyaattee quuttu, yennaa manoota dadansaa ijaarattee keessa leetu, 13 horiin keetii fi hoole’ee fi re’een teeti yennaa sii horanu, meetiin, worqi’ii fi wonni ati qaddu martille yennaa sii bacattu, 14 koortee Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ka garbummaa biyya Gibxi’ii jalaa si baase hin deeta. 17 Ati, «Hunnaa fi jabeenna kiyyaan karra tana horadhe» hin jetta fa’a. 18 Ammoo Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma adha godhe kana gondooroo ifii ta abbootii teeti ta duriitiif kaku’uun gondoore jabeessiisaaf, akka ati karra tana horattu dandeettii waan sii kennuuf, isa qaabadhu.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.