Daadimata Phawuloosii
15 Waan kanaaf, ani haga Goottaa Yesuusitti dhugeeffatiisa keessanii fi kolbaa Waaqaa mara jaalatiisa keessan dhage’ee jalqabee, 16 daadimata kiyya keessatti isin qaabataa, marroo teessaniif Waaqa galateeffatiisa hin lakkinne. 17 Abbaa ulfinnaa, Waaqa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, akka isin isa beettanu, Ayyaana qaroo isin godhuu fi ka Waaqa isinitti mudhisu, akka isinii kennuuf daadimadha. 18 Addiin inni itti isin waame maan akka teete, eebbi baasaa ka inni kolbaa ifiitiif addii kennu durummaa attamii akka te’e, qalbiin teessan banantee ifa isaa akka dhaggitanu, 19 nu worra dhugeeffatulle’eef, hunna isaa ta waan duudi’iin ol teete, attam guddoo akka teete, akka beettanu daadimadha. Hunni tun jabeenna guddaa tama akka, 20 yennaa inni Kiristoos du’a keessaa kaasee, ol-gubba’atti midda ifiititti isa teessise ittiin hujee ti. 21 Waaqi Abbaan bulchitootaa, worra baallii qabu, hunnootaa fi goottota maraa ol, akkasuma biyya lafaa tana qofatti adoo hin te’in, ta dhuttulle’etti, maqaa ulfinnaa ka maqaa maraa olii kenniisaan Kiristoos midda ifiititti teessise. 22 Waaqi waan mara baallii Kiristoosii jala galchee, waan mara irratti mataa godhee wolde’a kiristaanaatiif isa kenne. 23 Wolde’i kiristaanaa nafaa fi guutummaa Kiristoosii waan mara karaa maraan guutuu ti.1:23 Qol. 1:18