20 yennaa inni Kiristoos du’a keessaa kaasee, ol-gubba’atti midda ifiititti isa teessise ittiin hujee ti. 21 Waaqi Abbaan bulchitootaa, worra baallii qabu, hunnootaa fi goottota maraa ol, akkasuma biyya lafaa tana qofatti adoo hin te’in, ta dhuttulle’etti, maqaa ulfinnaa ka maqaa maraa olii kenniisaan Kiristoos midda ifiititti teessise.