Eebba Ayyaantumma’aa Ka Kiristoosiin Dhaggamu
3 Waaqi Abbaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ka Kiristoosiin eebba Ayyaana ol-gubba’aa maraan nu eebbise, galatoomuu ti! 4 Inni dadama biyya lafaatiin duraayyuu, isa duratti woyyootaa fi worra komii hin qanne akka teenu, Kiristoosiin nu filateera.
Jaalala ifiitiin, 5 karaa Yesuus Kiristoosiitiin ijoollee ifii akka nu godhatuuf Waaqi akka fedhaa fi halchaa ifii dansa’aatitti duruu murteesseera. 6 Badhaadhi isaa ulfaataan, ka inni Ilma ifii jaalatama’aan tola nuuf kenne, akka galateeffamuuf tana godhe. 7 Akkuma durummaa badhaadha Waaqaatitti, dhiiga Kiristoosiitiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhaggane.1:7 Qol. 1:14 8 Badhaadha ifiille qaroomaa fi beekkumsa maraan nuuf dhangalaase. 9 Waaqi akkuma duraan karaa Kiristoosiitiin karoorfate, dhossaa fedha ifii akka halchaa ifii dansa’aatitti akka nuuti beennu godhe. 10 Karoorri Waaqi yennaa barri geye muummessu, dadi ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu mara, wolitti qabantee baallii Kiristoosii jala akka teetu godhiisa.
11 Waaqi waan mara akka fedhaa fi gorsa ifiititti hujatu, jalqaba irrattuu akkuma murteessetti, Kiristoosiin kolbaa isaa akka teenuuf nu filate. 12 Wonni inni tana godheef, nuuti worri Kiristoositti addii godhatiisaan worra duraa teene, akka ulfinna Waaqaatiif galata galchinu1:12Akka ulfinna Waaqaatiif galata galchinu: Yookiin galata ulfinna Waaqaatiif akka leenu.
13 Isinille ergaa dhuga’aa, Oduu Gammadaa ta fayyinna keessanii yennaa dhageettane Kiristoositti dhugeeffattanee, Chaappaa Ayyaana Woyyicha waadaa galame te’een mallatteeffantaneertan. 14 Ayyaanni waan Waaqi kolbaa ifiitiif waadaa gale fudhatiisa keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Waaqaatiif galata galchinuu ti.