Eebba Ayyaantumma’aa Ka Kiristoosiin Dhaggamu
3 Waaqi Abbaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ka Kiristoosiin eebba Ayyaana ol-gubba’aa maraan nu eebbise, galatoomuu ti! 4 Inni dadama biyya lafaatiin duraayyuu, isa duratti woyyootaa fi worra komii hin qanne akka teenu, Kiristoosiin nu filateera.
Jaalala ifiitiin, 5 karaa Yesuus Kiristoosiitiin ijoollee ifii akka nu godhatuuf Waaqi akka fedhaa fi halchaa ifii dansa’aatitti duruu murteesseera. 6 Badhaadhi isaa ulfaataan, ka inni Ilma ifii jaalatama’aan tola nuuf kenne, akka galateeffamuuf tana godhe.