Pular para o conteúdo
Publicidade

Worra Efesoonii 4:1-12

Tokkummaa Nafa Kiristoosiitiin Jiru

1 Ani sababa Goottaa tajaajiluuf hidhamaa ka te’e, waamicha itti waamantane saniif akka maletti akka leetanu isin gorsa. 2 Yennaa mara worra ifi gadi qabu, worra qajeela’aa fi ossaameyyii te’a’a. Jaalalalle’een wol dande’a’a. 3 Nageya wolitti isin qabu ka Ayyaanni Woyyichi kennu eegatiisaaf waan dandeettanu mara godha’a. 4 Akkuma addiin Waaqi itti isin waame takkaa teete, nafa tokkoo fi Ayyaana tokkotti jira. 5 Akkasuma Goottaan tokko, dhugeeffannaan tokko, cuupham tokko jira; 6 ammalle ka mara caalu, ka mara keessalle huju, ka mara keessa jiraatu, Abbaa kolbaa maraa ka te’e, Waaqa tokkochatti jira.

7 Akkuma safara kennansa Kiristoosiititti badhaadhi tokko tokkoo keennaaf kennameera. 8 Barreeffam Woyyichi,

«Inni gara gubba’aa yennaa ol baye,

boojuu hedduu booji’ee,

namootaaf kennansa kenne» jedha.

9 Amma, «Ol baye» jechuun maan jechuu isaa ti? Duraan dursee biyya lafaa tana keessa addee gad aantu’utti gad dhufeera jechu’u. 10 Maarre ka gad dhufe, waan duudii dhaggama ifiitiin guutiisaaf kama ol-gubbaa maraan ol baye. 11 Inni worri gariin ergantoota, gariin raagota, gariin lallaboota Wongeelaa, gariin toowattoota, gariin barsiisota akka te’anuuf kennansa isaaniif kenne. 12 Inni nafa Kiristoosii ka te’e wolde’i kiristaanaa akka ijaaramuuf, kolbaa Waaqaa hujii tajaajila kiristaanaatiif qopheessiisaaf tana godhe.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.