Jiruu Haareya Kiristoosiin Dhaggantu
17 Yoona akka worra yaadi isaanii bu’aa hin qannee, akka worra Yihudoota hin te’inii akka hin leene, maqaa Gootta’aatiin jabeessee isin gorsa. 18 Qalbiin isaanii dukkanootteerti; sababa beekuu hin barbaannee fi gadhaa jabeenna isaaniitiif jiruu Waaqi kennu irraa gargar bayaneeran. 19 Isaan fokkoo dhabanee, amala bada’aa fi battummaa mara hujiisaaf joljolanee ifi dabarsanee kennaneeran.