Pular para o conteúdo
Publicidade

Efésios 5

22 Haadhotiin manaa, akkuma Goottaa Yesuusiif ajajamanu abbootii manaatiif ajajamanuu ti.5:22 Qol. 3:18; 1 Phex. 3:1 23 Akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif mataa te’e, abbaan manaa haadha manaatiif mata’a; Kiristoos nafa isaa ka teete, wolde’a kiristaanaatiifille fayyisa’a. 24 Wolde’i kiristaanaa Kiristoosiif akkuma ajajamu haadhotiin manaa abbootii manaa isaaniitiif waan maraan ajajamanuu ti.

25 Abbootii manaa! Akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaa jaalatee ifi dabarsee kenne, isinille haadhotii manaa teessan jaaladha’a.5:25 Qol. 3:19; 1 Phex. 3:7 26 Inni wolde’a kiristaanaa karaa Jecha ifiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee, Waaqaaf woyyoonsiisaaf tana godhe. 27 Maarre akkasiin xurii yookiin shuntuurata fuulaa yookiin wonni hantuun akkasii irratti adoo hin dhaggamin, Woyyicha, ka komii hin qanne, shaggaa godhee, wolde’a kiristaanaa gara ifii dhikeessa. 28 Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaalattu haadhotii manaa ifiille jaalatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaalatu ifi jaalata. 29 Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa. 30 Sababille nuuti mitikaa nafa Kiristoosii ti.

31 Barreeffam Woyyichi, «Sababa kanaaf nami haadhaa fi abbaa lakkisee, haadha manaa ifiititti maxxana; lamaanuu tokko hin te’an» jedha. 32 Kun dhossaa guddo’o; ani marroo Kiristoosiitii fi marroo wolde’a kiristaanaa dubbatiisatti jira. 33 Te’uu malee, isin martinuu akkuma ifi jaalattanu haadha manaa teessan jaaladha’a; haati manaalle abbaa manaa ifii ulfeessituu ti.

Veja também