25 Abbootii manaa! Akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaa jaalatee ifi dabarsee kenne, isinille haadhotii manaa teessan jaaladha’a.5:25 Qol. 3:19; 1 Phex. 3:7 26 Inni wolde’a kiristaanaa karaa Jecha ifiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee, Waaqaaf woyyoonsiisaaf tana godhe. 27 Maarre akkasiin xurii yookiin shuntuurata fuulaa yookiin wonni hantuun akkasii irratti adoo hin dhaggamin, Woyyicha, ka komii hin qanne, shaggaa godhee, wolde’a kiristaanaa gara ifii dhikeessa. 28 Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaalattu haadhotii manaa ifiille jaalatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaalatu ifi jaalata. 29 Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa.