28 Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaalattu haadhotii manaa ifiille jaalatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaalatu ifi jaalata. 29 Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa. 30 Sababille nuuti mitikaa nafa Kiristoosii ti.
31 Barreeffam Woyyichi, «Sababa kanaaf nami haadhaa fi abbaa lakkisee, haadha manaa ifiititti maxxana; lamaanuu tokko hin te’an» jedha. 32 Kun dhossaa guddo’o; ani marroo Kiristoosiitii fi marroo wolde’a kiristaanaa dubbatiisatti jira. 33 Te’uu malee, isin martinuu akkuma ifi jaalattanu haadha manaa teessan jaaladha’a; haati manaalle abbaa manaa ifii ulfeessituu ti.