10 Yoona, Gootta’aa fi hunna isaa jaddu’uun jabaadha’a. 11 Maltummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeettanu, meya woraanaa ka Waaqaa duudii hidhadha’a.
12 Wodhaantoon teenna ilmaan namaatiin mormiisa adoo hin te’in, bulchitoota, worra baallii qabanuu fi hunna biyya lafaa ta dukkanaa tana ka te’ane, irree ayyaana hamaalessa ol-gubba’aatiin mormiisa. 13 Maarre guyyaa hamaa san, hunna diinaa adhatiisa akka dandeettanuuf, waan mara muummessitanee, jabaattanee dhaabbatiisa akka dandeettanu, meya Waaqaa ka woraanaa mara hidhadha’a.
14 Tanaaf, dhugaa akka hiitu’uu hidha keessanitti hidhadha’aatii, balchummaa akka qomoo sibiilaa keyadha’aa dhaabbadha’a. 15 Wongeela nageyaalle akka Kophe’ee miilatti keyadha’aatii qophowa’aa dhaabbadha’a. 16 Kana mara woliin, daayota hamaalessaa ka bobe’u mara, dhugeeffannaa ittiin dhaanfuu dandeettanu, akka wonte’ee qabadha’a. 17 Fayyinna akka gullee sibiilaa keyadha’a; Jecha Waaqaa ka Ayyaanni Woyyichi isinii kennulle akka shallaaga’aa qabadha’a.