13 Maarre guyyaa hamaa san, hunna diinaa adhatiisa akka dandeettanuuf, waan mara muummessitanee6:13Waan mara muummessitanee: Haga muumme’ee loltanee, jabaattanee dhaabbatiisa akka dandeettanu, meya Waaqaa ka woraanaa mara hidhadha’a.
14 Tanaaf, dhugaa akka hiitu’uu hidha keessanitti hidhadha’aatii, balchummaa akka qomoo sibiilaa keyadha’aa dhaabbadha’a. 15 Wongeela nageyaalle akka Kophe’ee miilatti keyadha’aatii qophowa’aa dhaabbadha’a. 16 Kana mara woliin, daayota hamaalessaa ka bobe’u mara, dhugeeffannaa ittiin dhaanfuu dandeettanu, akka wonte’ee qabadha’a. 17 Fayyinna akka gullee sibiilaa keyadha’a; Jecha Waaqaa ka Ayyaanni Woyyichi isinii kennulle akka shallaaga’aa qabadha’a. 18 Yennaa daadimattanuu fi gaafattanu mara Ayyaana Woyyichaan sooreffamaa daadimadha’a. Akkasiin kolbaa Waaqaa maraaf dammaqa’aatii jabaadha’aa daadimadha’a.