11 « ‹Tajaajiltooti mootichaatii fi kolbaan kutaa biyya mootichaa keessatti dhaggamanu marti, dhiirti yookiin dubartiin adoo hin waamamin, badhinna mana mootumma’aa ka gara keessaa seenee mootichatti ka dhikaateef, mootichi seera tokko qofa akka qabu eennulle hin beeka; kunille nami sun hin ijjeefama; te’uu malee nami mootichi ulee ifii ta worqii irraa hujante itti qabe hin ijjeefamu; ani ammoo gara mootichaa akka seenuuf haga waamameen guyyaan soddom dabareera› jedhiin» jetteen.