Pular para o conteúdo
Publicidade

Ester 9

Jila Furiimii

20 Mordekaayi waan te’e kana barreessee, Yihudoota kutaa biyyaa ka dhiko’oo fi fagoo jiranu maraaf erge. 21 Inni wogguma wogga’aan ji’a, «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii arfeesso’ootii fi kudhanii shaneesso’oo guyyaa jilaa akka godhatanu isaanitti hime. 22 Guyyooti kun guyyoota Yihudooti harka diinota ifii jalaa bayanee foora itti dhaggatane; ji’i kunille ji’a gaddi isaanii gammadatti, bootti isaanii kollatti jijjiirante waan te’eef jilifatane; guyyoota kana guyyoota jilaa, guyyoota gammadaa, guyyoota kennaa sagale’ee woliif kennanuu fi guyyoota hiyyeeyyii qarqaaranu akka godhatanu isaaniif barreesse. 23 Maarre akkuma Mordekaayi isaaniif barreessetti Yihudooti jila jilifatuu jalqabane san jilifatiisaaf wolii galane.

24 Diinni Yihudoota maraa, sanyiin Haagaagii, ilmi Hamendaata’aa Haamaan hixaa, «Furiim» jedhamu buufatiisaan Yihudoota mara balleessiisaaf mala dhoweeraayyu. 25 Mootichi mala hamaa kana yennaa beeke, malli Haamaan Yihudoota irratti male sun isuma irratti akka deebi’u, innii fi ilmaan isaa muka nama itti fannisanu irratti akka fannifamanu ajaja barreeffamaa baase. 26 Tanaaf guyyoota kana jecha, «Fur» jedhamu irraa, «Furiim» jedhanee baasane; sababa waan xalayaa kana irratti barreeffame maraatiif, sababa waan dhagganeetii fi waan isaan irra dhaqqabe maraatiif, 27 Yihudooti ifii fi sanyii ifiitiif, worra Yihudi’itti galane maraafille, akka barreeffama kanaatitti guyyoota lamaan kana wogguma wogga’aan yennaa isaa eeganee akka jilifatanuuf seera baafatane. 28 Guyyooti «Furiim» jedhamanu kun dhaloota mara keessatti, maatii mara keessatti, kutaa biyyaa mara keessatti, qachoota mara keessatti qaabatamu’uu fi jilifamuu qaban; guyyooti kun adoo hin qaabatamin hin hafanu; dhaloota mara oddu’utti yennaa mara jilifamuu qaban.

29 Maarre Asteeriin giittittiin, intalti Abiihaayilii, Mordekaayii Yihudicha woliin xalayaa lammeesso’oo, ka marroo Furiimii kana jabeessiisaaf baallii guutu’uun barreessane. 30 Mordekaayi Yihudoota kutaa biyyaa dhibbaa fi diddamii torba keessa jiranu maraaf, xalayaa nageyaa fi qabbana isaaniif halchu ergee, 31 «Akkuma guyyooti laamaatii fi gaddaa eegatamane, nuuti Yihudootii fi sanyiin teenna guyyoota Furiimii akka eegannee jilifannu hundeessiisaaf, tana barreesse. Waan kana irratti ani Mordekaayiin Yihudichii fi Asteeriin giittittiin wolii galleerra» jedhe. 32 Ajaji Asteerii seerata marroo guyyoota Furiimiitiif baye jabeesse; kunille galmee keessatti barreeffame.

Veja também