Pular para o conteúdo
Publicidade

Êxodo 12

Jila Irra Dabaramaa Ta Jalqabaa

21 Achiin duuba Muuseen jaarsolee Israa’elootaa mara waamee, «Ariifadha’aa dhaqa’aatii akka maatii maatii keessaniititti buruusoo korbeessa hoole’ee yookiin re’eee filadha’aatii, Jila Irra Dabaramaatiif qaladha’a. 22 Baala muka hisoophii qabaa tokko fuudha’aatii, dhiiga qorii keessaatitti cuupha’aatii, mikikkila balbalaa ka cinaa lamaaniituu, mikikkila balbalaa ka gubba’aalle diba’a; haga ganamaatitti nami tokkolle mana ifiitii gad hin bayin. 23 Mootiin Waan Maraa balaa buusiisaaf, biyya Gibxi’ii keessa yennaa deddeemu, mikikkila balbalaa ka cinaa lamaaniituu irratti, mikikkila balbalaa ka gubba’aa irralle’etti dhiiga dhaggee, balbala san irra hin dabara. Ka balleessu sun mana keessan seenee akka isin ijjeesu itti hin lakkisu.

Veja também