Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Seera Bayiisaa 12

24 Isinii fi sanyiin teessan seerata haga bara baraa ka isiniif kenname kanaaf ajajamuu qaddan. 25 Lafa Mootiin Waan Maraa isinii kenniisaaf waadaa gale sanitti yennaa galtane seerata kana eegadha’a. 26 Ijoolleen teessan, Jilti tun ta maanii ti inni?jettee yennaa isin gaafattu, 27 isin ammoo, Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi’ii irratti balaa yennaa buuse, biyya Gibxi’ii keessatti mana Israa’elootaa irra dabaree, qe’ee teenna waan hambureef, ciincaa Jila Irra Dabaramaa ta Mootii Waan Maraa tijedha’aan» jedhe. Achiin duuba kolbaan gad jettee sagadde.

Veja também