2 Kolbaan Israa’elii marti goomolee san keessatti Muuse’ee fi Aaronitti gungumanee, 3 isaaniin, «Achi biyya Gibxi’ii keessatti okkotee foonii cinaa teennee, daabbo’oo fi foon haga feene nyaataa harka Waaqaatitti adoo dhumannee nuu woyya. Isin ammoo kolbaa duudii goomolee tana keessatti beelaan fixiisaaf as fiddane» jedhane.