Filamiisa Abbootii Mura’aa
13 Guyyaa itti aanu Muuseen kolba’aaf muraa kenniisaaf tee’e; isaanille ganamaa haga galgalaatitti isa marsanee dhaabbatane. 14 Abbaan sodda’aa ka isaa, waan inni kolba’aaf tolchiisatti jiru yennaa dhagge, «Wonni ati kolba’aaf tolchiisatti jirtu kun maan? Kolbaan tun marti ganamaa haga galgalaatitti si marsitee dhaabbattuun, ati abbaa mura’aa teetee, maaf qofi teetta?» jedhee gaafate.
15 Muuseen deebisee abbaa sodda’aa ka ifiitiin, «Kolbaan fedha Waaqaa gaafatiisaaf, gara kiyya waan dhuttuuf, ani tana godhe. 16 Isaan yennaa wol dhabane na bira dhufan; isaan keessaa ka dhugaa irra jiru murteessee, seerataa fi seera Waaqaa itti hima» jedhe.
17 Achiin duuba abbaan sodda’aa ka Muuse’ee Yetro deebisee, «Wonni ati tolchiisatti jirru dansa’aa moti. 18 Atii fi kolbaan gara keeti dhuttulle ifi eleessiisatti jirtan; hujiin tun guddoo ulfaattu’u. Ati qofii teeti hujii tana hujuu hin dandeettu. 19 Ani amma gorsa tokko si’iif kenna na caqasi; Waaqi si woliin jiraatuu ti. Ati kolbaa bakka bu’iitii haajaa isaanii Waaqa dura dhikeessi. 20 Ati Seerataa fi seera Waaqaa isaan barsiisi; karaa isaan deemanuu fi waan isaan hujanu itti mudhisi. 21 Garuu kolbaa mara keessaa namoota dandeettii qabanu, ka Waaqa sodaatanu, ka addatamummaa qabanuu fi ka safuu fudhatiisa hin jaalanne filiitii, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa, ajajjoota kudhanii tolchii muudi. 22 Isaan yennaa mara kolba’aaf muraa kennanuu ti; waan isaan dhibe gara keeti fidanuu ti. Waan kasoo isaanummaan murteessanuu ti. Isaan hujii waan si qarqaaranuuf, ba’aan si irraa hin sallatti. 23 Ati yoo tana goote, Waaqille tanuma yoo si ajaje, ati hin eloottu; kolbaalle haajaa ifii guutattee gara mana ifii hin deebiti» jedhe.
24 Maarre Muuseen gorsa abbaa sodda’aa ka ifii dhage’ee, waan inni jedhe mara godhe. 25 Inni Israa’eloota keessaa worra dandeettii qabu filee, sooressitoota kolba’aa akka te’anu, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaatii fi ajajjoota kudhanii tolchee baallii isaaniif kenne. 26 Isaan abbootii mura’aa te’anee kolbaa tajaajilane; haajaa isaan dhibe gara Muuse’ee fidanee, haajaa kasoo te’e ammoo ifumaaf murteessane.