17 Achiin duuba abbaan sodda’aa ka Muuse’ee Yetro deebisee, «Wonni ati tolchiisatti jirru dansa’aa moti. 18 Atii fi kolbaan gara keeti dhuttulle ifi eleessiisatti jirtan; hujiin tun guddoo ulfaattu’u. Ati qofii teeti hujii tana hujuu hin dandeettu. 19 Ani amma gorsa tokko si’iif kenna na caqasi; Waaqi si woliin jiraatuu ti. Ati kolbaa bakka bu’iitii haajaa isaanii Waaqa dura dhikeessi. 20 Ati Seerataa fi seera Waaqaa isaan barsiisi; karaa isaan deemanuu fi waan isaan hujanu itti mudhisi. 21 Garuu kolbaa mara keessaa namoota dandeettii qabanu, ka Waaqa sodaatanu, ka addatamummaa qabanuu fi ka safuu fudhatiisa hin jaalanne filiitii, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa, ajajjoota kudhanii tolchii muudi. 22 Isaan yennaa mara kolba’aaf muraa kennanuu ti; waan isaan dhibe gara keeti fidanuu ti. Waan kasoo isaanummaan murteessanuu ti. Isaan hujii waan si qarqaaranuuf, ba’aan si irraa hin sallatti. 23 Ati yoo tana goote, Waaqille tanuma yoo si ajaje, ati hin eloottu; kolbaalle haajaa ifii guutattee gara mana ifii hin deebiti» jedhe.