Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Seera Bayiisaa 20:18-26

Sodaa Kolba’aa

18 Kolbaan sun mandiisu’uu fi balaqqeettii yennaa dhaggite, tultullaa afuufamu dhageettee, gaarri aaruun yennaa dhaggite soda’aan hollattee, fagaattee dhaabbattee, 19 Muuse’een, «Nuuti akka hin duune, Waaqi nu woliin akka dubbatu hin godhin; atinuu nu woliin dubbadhu; nuuti hin caqanna» jette. 20 Muuseen kolbaa saniin, «Hin sodaatina’a! Sodaan Waaqaa isin bira jiraattee, cubbuu hujiisa irraa akka isin eedduuf, Waaqi haga isin ilaaliisaaf dhufeera» jedhe.

21 Kolbaan irraa fagaattee dhaabbatteertuun, Muuseen addee Waaqi jiru gara duumensa ciggaa dukkanowaa sanii dhikaate.

Seera Marroo Addee Ciinca’aa

22 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse’een, «Ati Israa’elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani ol-gubbaa irraa akka isinitti dubbadhe isinuu dhaggitaneertan; 23 isin ana malee, waaqota meeti’ii fi worqii irraa hujattanee hin waaqonfatina’a.

24 « ‹Ati addee ciinca’aa faara irraa naaf hujiitii, isa irratti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma’aa hoolee, re’e’ee fi loon keeti keessaa dhikeessi. Ani addee maqaa kiyya akka itti waamamu godhe san gara keeti dhufee si hin eebbisa. 25 Ati dhaka’aan addee ciinca’aa naaf yoo ijaartu teete, meya ittiin boccu saniin waan batteessituuf, dhakaa bocameen hin ijaarin. 26 Nafi keeti qullaa akka hin mudhanneef, yaabbannoo irra gara addee ciinca’aa tiyyatti ol hin bayin jedha› jedhiin» jedhe.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.