Pular para o conteúdo
Publicidade

Êxodo 20

3 «Ana malee waaqota dhibii hin waaqonfatin.

4 «Bifa waan ol-gubbaa jiruutiin yookiin waan lafa irra jiruutiin yookiin waan bisaan keessa jiruutiin, bifa waan tokkootille’een waaqa dharaa hin hujatin. 5 Isaaniif hin sagadin; isaan hin waaqonfatinille’e. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa hinaatticha waan te’eef, worra na jibbu sababa cubbuu abbootii isaaniitiif, ijoollee isaanii haga dhaloota sadiitii fi afuriititti hin adaba. 6 Worra na jaalatuu fi worra ajaja kiyya eegatu ammoo dhaloota isaanii haga dhaloota kumaatitti jaalala kiyya ka bara baraa isaanitti hin mudhisa.

7 «Ani Mootiin Waan Maraa nama maqaa kiyya akkasumaan dhowu adabu malee waan hin lakkinneef, maqaa kiyya akkasumaan hin dhowin.

8 «Guyyaa Sanbataa woyyoonsiisaaf qaabadhu! 9 Guyyaa jaa elowiitii hujii teeti mara hujadhu. 10 Guyyaan torbeesso’oo ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif guyyaa fooraa ti; guyyaa san ati, ijoolleen teeti ta dhiiraatii fi ta durraa, tajaajiltooti teeti ta dhiiraatii fi ta durraa, horiin keetii fi nami alagaan si bira jiru marti hujii tokkolle hin hujin. 11 Ani Mootiin Waan Maraa guyyaa jaa keessatti ol-gubbaa, lafa, abbaaya’aa fi waan isii keessa jiru mara dade; guyyaa torbeesso’oo ammoo foorfadhe; tanaaf ani Mootiin Waan Maraa guyyaa Sanbataa eebbisee woyyoonse.

12 «Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si’iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba’aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.

13 «Hin ijjeesin;

14 «Hin gaarayyeeffatin;

15 «Hin hatin;

16 «Nama irratti dharaan dhugaa hin bayin;

17 «Mana namaa hin kajeelin; haadha manaa isaa, tajaajilaa isaa, tajaajiltuu isaa, loon isaa, harree isaa, karra isaa mara hin kajeelin» jedhe.

Veja também