10 «Saanduqa Gondooro’oo ta dheerinni isi’ii ciqilee lamaa fi wodhakka’aa, badhinni isi’ii ciqilee tokkoo fi wodhakka’aa, hojjaan isi’ii ciqilee tokkoo fi wodhakka’aa muka gololchaa irraa akka hujanu tolchi. 11 Keessa isi’iitii fi duuba isi’ii worqii itti gonfi; roga isi’ii irra naannessiitii xiyyoo worqi’ii itti huji. 12 Qubee worqi’ii afur hujiitii, lamaan gara tokkoon, lamaan gara kaaniin, miila isi’ii afurittuu qassiisi. 13 Muka gololchaa irraa danqaraa bociitii worqii itti gonfi. 14 Danqaraa isii ittiin ba’atanu, qubeelee Saanduqa Gondooro’oo ta gama lamaaniin jirtu san keessa loosi. 15 Danqaraan sun qubeelee Saanduqa Gondooro’oo san keessuma tee’uutii malee achi keessaa hin bayin. 16 Achiin duuba dhakaa baxxicha lama ka ajaji irratti barreeffame ka ani si’iif kennu, saanduqa gonddooro’oo san keessa keyi.
17 «Qadaaddaa Saanduqa Gondooro’oo ta worqi’ii, ta gumaa cubbu’uu irra keyanu ta dheerinni isi’ii ciqilee lamaa fi wodhakka’aa, badhinni isi’ii ciqilee tokkoo fi wodhakka’aa ta worqi’ii huji. 18 Dada ol-gubba’aa ta koola qaddu lama worqii tumante irraa qaccee lama ta qadaaddaa Saanduqa Gondooro’oo irratti huji. 19 Dada ol-gubba’aa san tokko qaccee gara tokkootitti, dada ol-gubba’aa ta lammeesso’oo qaccee garakaaniititti keyi; dada ol-gubba’aa ta koola qabanu san qaccee qadaaddaa Saanduqa Gondooro’oo lamaanittuu wolitti qassiisii tokko tolchi. 20 Dadi ol-gubba’aa ta koola qabanu sun koola ifii ol badhifatanee qadaaddaa san irra gonbobanuu ti; fuula wolitti galanee, qadaaddaa Saanduqa Gondooro’oo san ilaalanuu ti. 21 Qadaaddaa Saanduqa Gondooro’oo san Saanduqa Gondooro’oo gubbaa keyi; dhakaa baxxicha seerri irratti barreeffame ka ani si’ii kennu sanille Saanduqa Gonddooro’oo san keessa keyi.