Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Seera Bayiisaa 26:1,7,14,15,31,33

Dunkaanii Woyyittii

1 «Dunkaanii Woyyittii, gollaa haadaa qoola kudhan: liilana quncee talba’aa dansaa, liilana bifa cuquliisaa, liilana bifa dhiille’eetii fi liilana diimaa irraa wolitti fowantee dhowateen huji. Nami hujii harkaa beeku, fakkii dada ol-gubba’aa ta koola qadduu irratti hujuu ti.

7 «Dunkaanii Woyyittii san akka gollanuuf, gollaa rifeensa re’e’ee irraa hujame kudhanii tokko huji. 14 Gogaa korbeessa hoole’ee ka hallame irraa Dunkaanii Woyyittii saniif irbuusa huji; ka dhibiille gogaa hoolee galaanaa irraa hujiitii irra buusi.

15 «Mikikkiloota Dunkaanii Woyyittii ol dhaabbachiisanu muka gololchaa irraa huji.

31 «Gollaa liilana quncee talba’aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille’eetii fi diimaa irraa wolitti fowamee dhowanteen huji. Nami hujii harkaa beeku, fakkii dada ol-gubba’aa ta koola qadduu irratti hujuu ti. 33 Gollaa san hookkota san irratti fannis. Saanduqa Gondooro’oo gollaa san gara duubaatiin keyi; Gollaan sun addee irra caalaa woyyitti’ii fi addee woyyittii gargar qooda.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.