Addee Ciinca’aa
1 «Addee ciinca’aa muka gololchaatiin ijaari. Dheerinni isi’ii ciqilee shan, badhinni isi’iille ciqilee shan, hojjaan isi’ii ciqilee sad te’uu ti. Cinaan isi’ii martinuu wol qixxee te’uu qaban. 2 Gaafotii fi addeen ciinca’aa tokko akka te’anu roga isi’ii arfanuu irratti gaafota itti baasiitii, sageettuu itti gonfi. 3 Okkotee daadhaa itti haranu, waan ibidda irratti bobeessanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, filaa foonii sageettuu irraa huji. 4 Waan akka meemme’ee ka cilee qabatee daadhaa gad harcaasu sageettuu irraa itti huji; roga waan akka meemme’ee san arfanuu irratti qubeelee sageettu’uu itti huji. 5 Haga hidha addee ciinca’aa ol akka dheerattu, waan akka meemme’ee san xiyyoo isi’ii jala keyi. 6 Addee ciinca’aa san akka ittiin ba’atanu, danqaraa muka gololchaa hujiitii sageettuu itti gonfi. 7 Yennaa addee ciinca’aa san ba’atanu danqaroota gama lamaan qubeelee san keessa loosi. 8 Akkuma ani gaara irratti sitti mudhise sanitti, addee ciinca’aa falaxaa irraa boollessii huji.