Dalleya Badhinna Dunkaanii Woyyitti’ii
9 «Badhinna Dunkaanii Woyyitti’iititti dalleya ijaari; dalleenni sun gollaa quncee talba’aa dansaa irraa fowamee hujame qabaatuu ti; dalleenni sun gara kibbaatiin ciqilee dhibba dheeratee, 10 utuboota shafee sageettu’uu qabu diddama ka hookko’oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabu qabaatuu ti. 11 Gara kaabaatille’een akkuma kana ciqilee dhibba dheeratee, utuboota shafee sageettu’uu qabu diddama ka hookko’oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabu qabaatuun hujamuu ti.
12 «Badhinni dalleya keessaa sun gara seensa adu’uutiin, ciqilee shantama badhatee, golla’aa fi utuboota kudhan shafee kudhan qabanu qabaatuu ti. 13 Dhuma gara ila boru’uu, karaa aduun baatuun, ciqilee shantama badhatuu ti. 14 Dheerinni golla’aa seensuma irraa gara tokkoon ciqilee kudhanii shan te’ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qabaatuu ti. 15 Akkasuma seensuma irraa gara kaaniin dheerinni golla’aa ciqilee kudhanii shan te’ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qabaatuu ti.
16 «Seensuma gara badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woyyitti’ii saniif, gollaa ciqilee diddama dheeratu, ka liilana quncee talba’aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille’eetii fi diimaa irraa nama hujii harkaa beekuun wolitti fowamee dhowame, utuboota afur ka shafee afur qabanu qopheessi. 17 Utubooti naannoo badhinna dalleya keessaa sanii marti qubeelee meetii irraa hujante, hookko’oo fi shafeelee sageettuu irraa hujante qabaatanuu ti. 18 Dheerinni badhinna dalleya keessaa sun ciqilee dhibba, badhinni isaa ciqilee shantama te’uu ti; gollaa quncee talba’aa dansaa irraa hujame ka hojjaan isaa ciqilee shaniitii fi shafee meetii irraa hujamane qabu te’uu ti.