Addee Ciinca’aa Ta Hixaana Itti ciincessanu
1 «Addee ciinca’aa ta hixaana itti ciincessanu muka gololchaatiin ijaari. 6 Addee ciinca’aa san gollaa Saanduqa Gondooro’ootiin duratti fannifameeruun fuula dura, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu’uu irra keyamu ka Saanduqa Gondooro’oo irra jiru addee ani si’iin wol dhaggu san dura keyi.
7 «Aaron yennaa issaa qopheessu, ganama ganama addee ciinca’aa irratti hixaana foolee dansaa qabu aarsuu ti. 8 Inni galgala dimimmisa yennaa issaa issu, hixaana aarsuu ti; maarre hixaanni dhaloota dhufuuf, ana Mootii Waan Maraa duratti yennaa mara hin aarfama. 10 Aaron wogga’atti yennaa tokko, gumaa cubbu’uu gaafota isi’ii irratti tolchuu ti. Gumaan araara cubbu’uu ka wogga’atti tolfamu kun dhiiga araaraa cubbu’uu woliin dhaloota dhufu maraaf tolfamuu qaba. Gumaan kun ana Mootii Waan Maraatiif irra caalaa woyyicha» jedhe.