Pular para o conteúdo
Publicidade

Êxodo 32

11 Muuseen ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa ifii daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa, kolbaa teeti ta ati hunna guddo’oo fi irree jaddu’uun biyya Gibxi’ii keessaa baatte irratti aariin teeti maaf bobeetti? 12 Worri Gibxi’ii, Mootiin Waan Maraa duruuyyuu yaada hama’aaf, gaara irratti isaan ijjeesee, lafa irraa isaan balleessiisaaf, biyya Gibxi’ii keessaa isaan baasemaaf jedhan ree? Ati aarii teeti ta bobeettu tana caffadhu; kolbaa teeti irralle’etti balaa hin buusin. 13 Tajaajiltoota teeti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob ta maqaa keetiin isaaniif kakattee, Sanyii teessan akka urjii ol gubba’aa hin baceessa; lafa isiniif waadaa gale tana mara sanyii teessaniif hin kenna; latti sun haga bara baraa lafa isaan dhaalanu hin teetijette san qaabadhu» jedhe. 14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa aarii san caffatee, balaa kolbaa ifii irratti fidiisaaf yaadate san lakkise.

Veja também