Jiruu Jechuun Kiristoosiin Le’iisa
12 Obboleeyyan tiyya! Wonni na dhaqqabe maraa, Oduun Gammadaa akka badhattu akka godhe, akka beettanu barbaada. 13 Akka ani Kiristoosiif jedhee hidhame, eedduu mana mootumma’aatii fi worra dhibii maraa biratti beekkameera. 14 Waan ani hidhameef dhugeeffattoota keessaa hedduun Gootta’atti addataneeran; jecha Waaqaa sodaa malee lallabiisaafille ka qaraa caalaa jabeenna dhaggataneeran.