Fakkeenna Te’iisa Ifi Gad Qabuu Kiristoosii
1 Kiristoosiin jabeenna, jaalala isaatille’een jajjabeenna, Ayyaana Woyyicha wolille’een tokkummaa yoo qabaattane, mararti’ii fi gadhi-laafummaa woliif yoo mudhittane, 2 yaada tokko te’iisaan, jaalala tokko qabaatiisaan, ayyaanaa fi kaayo’oon tokko te’iisaan gammadi kiyya guutuu akka te’u tolcha’a.