Publicidade

Filipenses 2

Biyya Lafaa Keessatti Akka Ifaa Issuu

12 Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Yennaa mara akkuma ajajantane, yennaa ani isin bira jiru callaa adoo hin te’in, irra caalaa yennaa ani amma isin bira hin jirre ajajama’a! Soda’aa fi rommiisaan fayyinna keessan muummessiisaaf ittuma huja’a; 13 sababille yaada isaa muummessiisaaf, fedha akka qabaattanu ka isin keessatti huju Waaqa.

14 Waan mara gungumiisaa fi moromaa malee godha’a! 15 Yoo tana gootane, ijoollee Waaqaa ta komii hin qannee fi qulliyyee teetanee, dhaloota micciirama’aa fi hamaa kana keessatti akka urji’ii hin issitan. 16 Jecha jiru’uu jabeessitanee yoo qabattane, rukke’ee fi dadhabbiin tiyya gatii malee waan hin hanneef, guyyaa Kiristoos mura’aaf dhufu waan ittiin ifi jaju hin qabaadha.

Veja também

Filipenses
Ver todos os capítulos de Filipenses
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-