5 Yaada Kiristoos Yesuus qabaate isinille qabaadha’a:
6 Inni yennaa maraa adaba waaqumma’aa adoo qabuu,
ulfinna waaqumma’aa, ka Waaqa woliin isa qixxeessu
lakkisiis akka hin malleetitti hin laakkonne.
7 Ammoo ulfinna ifii lakkisee2:7Ulfinna ifii lakkisee: Afaan Giriikiitiin, «duwwaa ifi godhe» jedha
akka garbaa te’ee mudhate;
akka namaa te’ee dhalate;
nama fakkaatee mudhate.
8 Ifi gad qabee,
haga du’aatitti,
haga fannifamee du’ulle’etti, ka ajajamu te’e.