12 Ani waan diqqo’oo fi haga barbaachisuun caalaalle horatiis maan akka te’e beeka; maarre ani dhossaa haala maraa fi addee maratti quufaa fi beelaan, haga naa barbaachisuun gadii fi haga naa barbaachisuun ol qabaatiisalle baradheera. 13 Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande’a.