6 Maarre daadimataan, gaaffi’ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa’a malee waan tokkolle’eef hin yaadina’a. 7 Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha’aa fi qalbii teessan hin eega.
8 Muummee irratti obboleeyyan tiyya! Qalbii teessan waan dansa’aa fi waan galateeffachiisuun guuta’a: waan dhugaa te’e, waan ulfinnaa, waan sirrii te’e, waan qulluu te’e, waan gammachiisuu fi waan galata qabu maraa yaadadha’a! 9 Waan na irraa barattane, waan na irraa fudhattane, waan na irraa dhageettanee fi waan ani hujuun dhaggitane maraa isinille tolcha’a! Waaqi abbaan nageyaa isin woliin hin jiraata.