Pular para o conteúdo
Publicidade

Gálatas 2

Anxokiya’atti Phawuloos Pheexroosiin Morme

11 Pheexroos gara Anxokiya’aa yennaa dhufe waan dokonkoreeruuf, ani fuula duratti isa morme. 12 Namooti gariin Yaaqoob biraa adoo hin dhufin dura, Pheexroos worra Yihudoota hin te’in keessaa worra dhugeeffate woliin nyaataa ture; yennaa isaan dhufane ammoo, golii worra haqanqabaa qabatee2:12Golii worra haqanqabaa qabatee: Golii, «Worri worra Yihudootaa hin te’in keessaa dhugeeffate haqanqabaa qabatuu qaba» jettu. sodaatee, worra Yihudoota hin te’in irraa ifi gargar baasee qarqarfate; 13 Worri Yihudoota keessaa dhugeeffatanelle, kijiba Pheexroosii hordofaneeran; Baarnaabaasinuu kijiba isaaniitiin duubatti harkifameera. 14 Akka isaan akka dhugaa Oduu Gammadaatitti hujaa hin jirre, ani yennaa dhagge, isaan mara duratti Pheexroosiin, «Ati Yihudii teetee, akka Yihudi’iititti adoo hin te’in, akka nama Yihudii hin te’iniititti eega jiraatte, attamiin worri Yihudoota hin te’in, akka Yihudootaatitti akka jiraatuuf uttitta ree?» jedhe.

Veja também