Pular para o conteúdo
Publicidade

Worra Galaatiya'aa 4:21-26

Fakkeenna Aggaariitii Fi Saara’aa

21 Isin worri Seera jalatti buliisaaf barbaadanu, waan Seerri jedhu hin dhageennee? Natti hima’a! 22 Abrahaam ilmaan lama qabaayyu; tokkocha dubartii garbittii irraa, kaan dubartii garbittii hin te’in irraa, akka uumate barreeffanteerti. 23 Ilmi tokkochi dubartii garbittii irraa, akka fedha foonii calla’aan dhalate; kuun ammoo dubartii garbittii hin te’in irraa, addii kennanteen dhalata. 24 Amma kun fakkeenna; dubartooti lamaan sun fakkeenna gondooroo lamaanii ti. Takkattiin ta ijoolleen isi’ii garbummaa keessatti dhalatte Aggaari; isiin fakkeenna gondooroo Gaara Siina’aa irratti gondoorantee ti. 25 Aggaariin Gaara Siina’aa ka biyya Arabaa keessa jiruun fakkeeffante sun, fakkeenna Yerusaalemii amma kolbaa ifii woliin garbummaa keessa jirtuu ti. 26 Yerusaalemiin ol-gubba’aa ammoo bilisoontu’u; isiin haadha teenna.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.