Bilisummaa Kiristoosiin Dhaggantu
1 Bilisumma’aan akka leenuuf Kiristoos bilisa nu baase. Tanaaf jabaadha’aa dhaabbadha’a! Deebitaneelle waanjoo5:1Waanjoo: Qambaraa garboomaatiin hin hidhamina’a!
2 Dhage’aa! Yoo haqanqabaa ifi qassiittane, akka Kiristoos ijjumaa isiniif woy hin baane, ani Phawuloos isinitti hima. 3 Nami haqanqabaa qassiifatu mara, dirqama Seera duudii muummessiisaa akka qabu ani ammalle dhugaa hin bayaaf. 4 Isin worri Seera eeggatiisaan balchoomiisaaf barbaaddanu, Kiristoos irraa ifi kuttaneertan; badhaadha waaqaa irralle’ee bayyattaneertan. 5 Nuuti ammoo karaa Ayyaana Waaqaatiin, balchummaa addii godhannu dhugeeffanna’aan dharra’aa eeganna. 6 Kiristoos Yesuusiin yoo jiraanne, dhugeeffannaa jaalalaan hujjuttuu gatii qaddi malee, haqanqabaa qabatiisa yookiin haqanqabaa qabatiisa dhabiisaa moti.