Pular para o conteúdo
Publicidade

Worra Galaatiya'aa 6:1-5

Ba’aa Wolii Ba’adha’a

1 Obboleeyyan tiyya, yoo nami tokko cubbu’uun qabame, isin worri ayyaantoleen qajeelumma’aan isa qajeelcha’a! Ammoo isinille akka hin ataabanne ifi eeggadha’a. 2 Ba’aa wolii ba’adha’a! Akkasiin Seera Kiristoosii muummessitan. 3 Nami woy hin baane tokko, nama woy bawu yoo ifi seye, ifi gowwoonsa. 4 Nami maraa hujii ifii qoree ilaaluu ti! Achiin duuba worra dhibii woliin wol bira qabee ifi ilaaliisaan adoo hin te’in, ifumaaf waan ittiin ifi jaju hin dhaggata. 5 Nami maraa ba’aa ifii ba’atuu qaba.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.