Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Seera Dadaa 11

5 Mootiin Waan Maraa qacha’aa fi xelleephoo ilmaan namaa ijaarane san ilaaliisaaf gad bu’e. 6 Inni, «Kunoo, isaan kolbaa takka’a; marti isaaniituu afaan tokkocha dubbatan; kun waan isaan huju’uuf jiranu keessaa ka jalqabaa ti; waan isaan hujiisaaf yaada qabanu keessaa, takkaalle wonni isaan hujuu dadhabanu hin jirtu. 7 Kowa’a, gad buunee, akka isaan wolii hin galle,11:7 Akka isaan wolii hin galle: Tokko dubbii kaanii akka hin dhageenn. afaan isaanii wol keessa akka makamu11:7 Makamu: Marqam. goona» jedhe. 8 Maarre Mootiin Waan Maraa lafa duudii irra isaan bittinneessee, qachaalle ijaariisa lakkisane. 9 Mootiin Waan Maraa achitti afaan biyya lafaa wol keessa akka makamu waan godheef, maqaan addee sanii, «Baabel»11:9 Baabel: Afaan Ibrootaatiin Makamaa jechu’u. jedhamee moggaafame; Mootiin Waan Maraa achi irraa biyya lafaa duudii irra isaan bittinneesse.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também