17 Ammoo sababa Saaraayii niitii Abraamiitiif, Mootiin Waan Maraa mootichaa fi kolbaa mana mootichaa keessa jirtutti dhukkuba hamaa buuse. 18 Maarre mootichi biyya Gibxi’ii Abraam waamee, «Wonni ati na irratti hujje kun maan? Akka isiin niitii teeti teete maaf natti hin himin?