14 Abraam booji’amiisa ilma obboleessa ifii yennaa dhage’e, namoota dhibba sadii fi kudhanii saddeeti worra mana isaatitti dhalatanee lolaaf leenji’ane waamee, worra booji’e san haga Daaniititti hordofe. 15 Inni halkaniin akka lolanuuf namoota ifii gargar qoqoodee, diinota ifii lolee injifatee, haga Hobaa Damaasqoo irraa gara kaabaa jirtuu ari’ane. 16 Waan isaan booji’aneeranu mara, ilma obboleessa ifii Loox, waan inni qabu woliin, dubartootaa fi worra booji’ameeru dhibiille deebisee fide.
18 Mootichi Saalemii Malkiisedeq, hayyicha Waaqa Ol Aana’aa, daabbo’oo fi daadhii woyni’ii Abraamiif fidee, 19 isa eebbisee,
«Waaqi Ol Aanaan,
ka ol-gubba’aa fi lafa dade,
Abraam eebbisuu ti;
20 Waaqi Ol Aanaan,
ka diinota keeti harka keetitti kenne,
leellifamuu ti!» jedhe.
Abraamille waan booju’uun dhaggate mara irraa kudhan keessa tokko Malkiisedeqiif kenne.