Aggaarii Fi Ishimaa’el
1 Niitiin Abraamii Saaraayi, ijoollee isaaf deettee hin jirtuuyyu. Isiin hojjattuu «Aggaar» jedhantu takka qaddi; Aggaar nama biyya Gibxi’ii ti. 2 Saaraayille Abraamiin, «Mootiin Waan Maraa ijoollee dewuu akka na dhoogge hin dhaggita; hojjattuu tiyya bira geyi! Karaa isi’iitiin ijoollee hin dhaggadha fa’aa» jette. Abraamille dubbii Saaraayii dhage’e. 3 Niitiin Abraamii Saaraayi hojjattuu ifii Aggaarii nama biyya Gibxi’ii san fiddee, akka niiti’iititti dhirsa ifiitiif kennite; kunille Abraam biyya kana’aanii keessa woggaa kudhan le’een duuba te’e.