6 Abraam ammoo Saaraayiin, «Ati giittii hojjattuu teetii ti; akka jaalatte isii godhi» jedhe. Achiin duuba Saaraayi waan isii miicceef, isiille jalaa baqatte.
7 Ergamaan Mootii Waan Maraa goomolee keessatti madda bisaanii biratti Aggaar dhagge; maddi bisaanii sun karaa Shuur geessu gubbaa jiraayyu. 8 Inni, hojjattuu Saaraayii, Aggaariin, «Eessaa dhutte? Eessa dhaqaarta?» jedheen.
Isiin, «Giittii tiyya Saaraayi jalaa baqatiisatti jira» jette.