3 Achiin duuba Abraam fuulaan lafatti gombifame; Waaqille isaan 4 «Gondooroo ani si woliin gondooru tana: Ati abbaa gosa biyya adda addaa heddu’uu hin teeta. 5 Maqaan keeti haganaa achi, ‹Abraam› hin jedhamu, ani abbaa gosa biyya adda addaa heddu’uu waan si godhuuf, maqaan keeti, ‹Abrahaam›17:5 Abrahaam: Afaan Ibrootaatiin Abbaa gosa biyya adda addaa heddu’uu jechu’u. jedhama. 6 Ani sanyii hedduu sii hin kenna. Isaan gosa biyya adda addaa hin te’an; isaan keessaa gariin mootota hin te’an.
7 «Ani si’iif Waaqa te’ee, si’iin duuballe sanyii teetiif Waaqa te’iisaaf Gondooroo tiyya anaa fi si wodhakka’atti, dhaloota si’iin duuba jiranu, sanyii isaanii wodhakkaalle’etti Gondooroo haga bara baraa godhee, jabeessee hin gondoora. 8 Lafa ati amma alagaa itti teete, lafa Kana’aanotaa mara si’ii fi sanyii teetiif haga bara baraa hin kenna; ani Waaqa isaaniille hin te’a» jedhe.
9 Ammalle Waaqi Abrahaamiin, «Atii fi sanyiin teeti, dhalooti si’iin duubaalle gondooroo tiyya eegadha’a. 10 Gondooroon tiyya ta anaa fi si wodhakka’atti, dhalooti si’iin duubaalle eegatuu qaddanu, ‹Isin keessaa dhiirti martinuu haqanqabaa qabatanuu ti› ka jedhu. 11 Isin haqanqabaa qabadha’a! Kunille gondooroo anaa fi isin wodhakkaa jirtuuf beessisa hin te’a.