Pular para o conteúdo
Publicidade

Gênesis 2

21 Maarre Mootiin Waan Maraa Waaqi namichatti hirriiba hamaa buusee, adoo inni rafuu, cinaacha isaa keessaa tokkocha fuudhee, addee cinaachaa san fooniin cufe. 22 Mootiin Waan Maraa Waaqi cinaacha namicha keessaa fuudhe san irraa, namittii dadee, gara namichaa fide.

23 Achiin duuba namichi,

«Amma reefuu, lafeen isi’ii lafee tiyya irraa,

foon isi’ii foon kiyya irraa dhaggame;

isiin namicha irraa waan dhagganteef,

Namittiijedhantee waamantuu ti» jedhe.

24 Tanaaf nami abba’aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te’an.

Veja também